Ajjeechaa Beenishaangul Gumuz: Lakkofsi namoota Matakkalitti ajjeefamanii 207 jedhame

Ajjeechaa Beenishaangul Gumuz: Lakkofsi namoota Matakkalitti ajjeefamanii 207 jedhame






Naannoo Beenishaangul Gumuuz godina Matakkal aanaa Buulan ganda Bekujjii jedhamtuutti haleellaa Kibxata halkan hidhattoonni namoota nagaa irratti raawwataniin lakkoofsi namoota ajjeefamanii 207 ta'uu mootummaan naannichaa beeksise.
Lakkofsi namoota ajjeefamanii bakka hoggantoonni komaandi poostii aanaa Bulan, gareen qorattootaa naannichaa fi jiraattonni jiranitti lakkaa'amuu Sabaa-himaan naannoo Beenishaangul Gumuz gabaaseera.
Ajjeechaa A.L.I Mudde 16, 2013 barii naannoo sa'aa 11 raawwateen dhalattoonni saba Shinaashaa, Agawu, Amaaraa fi Oromoo ta'an ajjeefamaniiru jedha.






Daa'imman, haadholii fi maguddootni kanneen ajjeefaman keessatti argamu.
Kanneen ajjeefaman hordoftoota amantaa gara garaa ta'anis jiraattonni naannichaa irratti waliigalanii bakka tokkotti akka awwaalaman taasifamuus gabaaseera.






Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haleellaa kanaan lubbuun namoota 100 olii darbuu himee kunis naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti haalli eegumsa mirga namoomaa haalaa olaanaan dadhabaa adeemuu kan agariisudha jedhe.
Ajjeechaa fi miidhaan kunis halkan sa'aatii 10tti wayita namoonni hiriibara turaniitti qaamoolee hidhataniin mana guubuufi dhukaasaan akka qaqqabee mirkaneeffachu komishinichi ibseera.
Dabalataan dhaabbatni Aminestii Internaashinaal ''haleellaan suukaneessaan kun saba Amaaraa, Oromoo, fi Shinaashaa irratti raawwate jedhe.






Mootummaan Itoophiyaa haleellaa saba lakkoofsaan xiqqaa naanno Benishaalgul keessa jiratan irratti raawwatu hatattamaan dhaabsisuu qaba '' jedhe.
Aminestiin namoota shan lubbuun oolan irraa bilbilaan dubbisee akkaataatti hidhattootni saba Gumuz tahan haleellaa dhaaqbsiisan odeeffadhera jedhe.
Hidhattootni ajjeechi raawwatan mana jiraattotaatti abidda kaa'uun sana booda rasaasaa fi waraanaan ajjeesaa turuu namootni dubbisne himan jedhe dhaabbatichi.






Lakkoofsi namoota du'aniis dabaluu akka danda'u eeree haleellaa kana irratti qorannoon hatattamaa gaggeeffamuu qaba jedhe. Qaamni kana raawwates seeraan gaafatamuu qaba jedhe Aminestii Internaashinaal.
Itti gaafatamaan Kominikeeshinii naannichaa Obbo Mallasa Bayyana gama isaanitiin namoonni miidhaan irra gahee lakkoofsaan kaa'uun dadhabamulleen lakkoofsaan ''olaanaa'' akka ta'ee BBCtti himanii turan.






Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad haleellaa dhaqqabeen akka gaddan Kamisa ganama ibsaniiru.
"Lammiilee keenya iratti gochaa namummaan alaa raawwate na gaddisiiseera. Rakkinicha kallattii garaagaraan furuuf yaallee bu'aa barbaadamu hin argamsiifne,'' jechuun fuula tiwiitera isaanii irratti barreessan.
Kana malees BBC'n jiraattootaa fi oggeessoota fayyaa hospitaala naannichatti argaman wayita dubbiseetti, namoonni 120 akka ajeefamanii fi kaan hedduun miidhaan irra qaqqabuu dubbatanii ture.
Motummaan Naannoo Beenishaangul Gumuz gama isaatiin aanga'oota shan kan rakkoo nageenyaa umamee kana keessaa harka qabu jechuun shakkee to'anaa jala oolchuu sab-qunnamtii naannichaatiin beeksiiseera.
Aanga'oota to'annoo jala oolfaman keessaa deetaa ministira damee Ministireera Hojjataafi Hawaasummaa Motummaa Federaalaa kan turan Obbo Tomaas Kuwii, Pirezidaantii naannichaa duraanii Obbo Shifaraa Caliiboo, Daarektara eejjansii Saayinsiifi Teknolojii naannichaa duraanii, Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhiinaa Godina Matakal Obbo Baandiingi Maaraa akkasumas aanga'aa Godina Matakal duraanii kan turan Obbo Aragaa Baalbiid ta'u ibseera.
Gandi Bakujii magaalaa aanaa Buulan irraa fageenya km 90 irratti kan argamtu yoo taatu, saba Oromoo, Amaaraa fi Shinaashaatu keessa jiraata.






Wayita ajjeechaan kun raawwate ganndicha keessa poolisiin ykn humni nageenyaa ramadame akka hin turree hordoffii taasifameen hubanneera jedhe komiishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa.
Hanga haalicha qulleeffateetti hospitaala Buulan keessatti namoonni rasaasaafi xiyyaan miidhaan irra gahee 36 deeggarsa argachu mirkaneessuu ibse.
Miidhaa namootarra gahee kanaan alattis oomishni gahe ooyiruu irraa walitti qabaman gubachu akka mirkaneeffate hima.
Kana malees gandoota Calaanqoofi Doosheetti manneen gubachaa akka jiran komishinichi ragaa argachu himuun, Aanaa Dibaaxee ganda Donbanii ammoo jiraattoonni sodaadhaan qe'eesaanii gadhiisanii Muddee 23, 2020 baqachaa akka jiran ibseera.
Komishinichi akka jedheetti raayyaa ittisaa naannichaitti ramadamee ture aanga'oota feederaalaa fi naannichaa dabaaluun naannichaa bahuusaanii hordofuuni haleellaa kun raawwachuusaa qulqulleeffachu hime.
Komishinichi namoota miidhaan irra gahee irraa akka odeeffateetti, irra jireessi haleellaa kanaan miidhaman dhalattoota Shinaashaati.
Kana dura haleellaa kan raawwatan namoota 'bosonaa' dhufaniin yoo ta'u, amma garuu 'kanneen maqaafi bifaan beekanii' jiraattoota aanaa Bakujii osoo hin hafne keessatti hirmaachu kanneen lubbuun hafan ni ibsu.
Haleellaawwan Beenshaangul Gumuuz keessatti irra dedeebiin raawwatamaniifi haala sarbama mirgoota namoomaa naannichaa ilaalchise mootumaan naannoofi federaalaa xiyyeeffannaa addaa akka taasisuuf akeekkachisuu kan yaadate komishinichi, haa ta'u malee haalichi caalaa itti cimaa dhufuu hima Komishinichi.






Namoota miidhaan irra gaheefi kanneen buqa'aniif deeggarsi wallaansaafi namoomaa akka taasifamuuf Komishanichi gaafateera.
Kana malees haallichi sirriitti qoratamuun qaamooleen haleelicha keessatti haala garaa garaatiin gahee qabaniif kanneen gaheesaanii haalaan hin bahiin atattamaan seeratti dhiyeessuu akka eegaluuf komishinarichi akeekachiseera.
Akkasumas humniifi caasaan nageenyaa naannichatti argamu haala gutummaatti nageenya lammiilee mirkanneessuun haala atatamaatiin akka cimfamuuf waamicha dhiyeesseera.
Haleelaawwan kanaan dura irra dedeebiin naannichatti qaqabaniif ''farreen nageenyaa'' jechuun ibsuun alatti aanga'oota naannichaatti ifatti kan jedhamu hin turre.






Akkasumas hidhattoota haleellaa keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhatamuun yeroo garaa garaatti gabaafamuun ni yaadatama.
Miidhaa irra dedeebiin naannichatti namoota nagaarra gahu kana to'achuuf dhuma bara darbeetti komaandi poostiin miseensoota raayyaa ittisa motummaan federaalaa fi qaamoolee nageenya naannichaa hammate ijaaramunsaa ni yaadatama.
Haa ta'u malee haleellaan lubbuu namoota nagaa galaafatu kun akkuma itti fufeetti jira. Haleellaan tibbana raawwatameefi badinsa lubbuu namoota hedduutiif sababa ta'e kunis haleellaawwan naannichatti raawwataman hunda caalaa hamaa ta'utuu himame.

Comments