Misooma dammaa guddisuuf gaagurri ammayyaa gatii madaalawaan dhiyaachaa akka jiru ibsame.
Waajjirri Misooma Qabeenya Beeyladaa Godina Jimmaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa waliin ta'uun omisha Dammaa guddisuuf jecha gaagura ammayyaa gaatii harkaa qofa kaffalchiisuun qotee bulaa fi waldaaleedhaaf dhiyeessaa jiraachuun ibsameera.
Sochii kanaanis hanga ammaatti gaagurri ammayyaa 4,500 ol ta'u kan raabsame ta'uu isaa kan himan I/G Waajjirri Misooma Qabeenya Beeyladaa Godina Jimmaa Obbo Mahaammadxahaa A/Fiixaa bara kana sagantaa kana qofaan gaagura 13,000 raabsuuf hojjatamaa jira jedhaniiru.
Jiilli I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaatiin durfamu guyyaa har'aa Magaalaa Jimmaatti Waldaalee oomisha gaagura ammayyaa irratti boobba'an daawwateera.
Akka Godina Jimmaatti sagantaa kanaa fi kan idileetiin hanga ammaatti gaagurri 7906 kan raabsame yemmuu ta'u, walitti hidhamiinsi gabaa fi carraan hojii qarshii miliyoona 1.8 caalus uumameera.
Maddi: Jimma Zone Communication
Comments
Post a Comment