Naannoo Beenishangul gumuz Aanaa Buleen ganda Bakujiitti gaafa Mudde 13/2013 halkan keessaa saatii 10tti ibda hidhatoonni mana hawaasaatti qabsiisanifi haleellaa hidhatoonni raawwataniin lubbuun namoota 100 olii darbuu Komishiiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa beeksiseera.

Naannoo Beenishangul gumuz Aanaa Buleen ganda Bakujiitti gaafa Mudde 13/2013 halkan keessaa saatii 10tti ibda hidhatoonni mana hawaasaatti qabsiisanifi haleellaa hidhatoonni raawwataniin lubbuun namoota 100 olii darbuu Komishiiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa beeksiseera.






Akka Komishiinichi ibsetti Gandi Bakujii jedhamtu kun teessoo bulchiinsa aanichaa kan taate Magaalaa Buleen irraa KM 90 fagaatte argamti. Ganda kana keessas baay'inaan kan jiraatu Oromoo, Shinaashaa fi Amahaaraadha. Ganda kanaaf Poolisiis ta'ee humni nageenya ramadameef akka hin qabne hordofiin taasiseen hubadheera jedheera Komishiiniin mirga namoomaa Itoophiyaa ibsa kaleessa galgala baaseen .
Kamishiinichi akka himetti haga ammaatti kanaan qorannoon arge Hospitaala Buleenitti namoonni 36 miidhamanii yaalama jiru.
Namoonni kun baay'een isaanii rasaasan kan rukutaman yoo ta'u kaan isaanii immoo Xiyyaadhaan kan waraanamanii mada'anidha jedhera.






Suuraan baay'ee suukkanneessa ta'e kan gochaa kana agarsiisu ragaaf na qaqqabeeras jedhera.
Badii lubbuu fi qaama nama irra gahee malees midhaan gahee oyiruu irra jiruufii kan gahee walitti qabamees gubateera jedhera.
Dabalataan Gandoota Calanqoo fi Doochee jedhamanittis manni gubachuu namoonni ijaan argan natti himaniru jedhera komishiinichi.






Aanaa Dibaaxxeettis jiraatoonni haleellaa kana sodaaf jecha gaafa mudde 14/2013 qe'ee isaanirra godaanaa akka jiranis komishiinin mirga namoomaa Itoophiyaa mirkaneeffadhera jedhera.
Akka jiraattoonni ganda Bakaijii himanitti haleellaa kanaan duraa kan raawwachaa ture hidhatoota bosonaa dhufan yoo ta'u isa gaafa mudde 13/2013 irratti garu jiraattonni gandichaa maqaa fi bifaan isaan beekanis keessatti hirmachuu himaniru jedhamera.
Rayyaan ittisa biyyaa naannicha akka tasgabeessuf garasitti bobba'ee gafa haleellan kun raawwatamu hoggantoota Federalaa fi naannoo irraa dhufan lama geggeessu maqaa jedhuun gandicha gad lakkisanii deemani.






Haleellaan kun kana hordofuun kan raawwate yoo ta'u halkan keessa kan jalqabe amma guyyaa walakkatti itti fufu jiratoonni haleellaa kana irra hafan komishiinii mirga namoomaa Itoophiyaatti himu komishiinichi beeksisera.
Akka jiraattonni haleellaa kana irraa hafan himanitti haleellaa kanaan harka caalaa kan miidhaman Uummata Shinaashati jedhamera.
Mootummaan nageenya uummata naannoo Beenishaangul gumuuziif dursa kennuu akka qabuus komishiiniin mirga namooma Itoophiyaa akeekkachisera

Comments