Naannoo Oromiyaatti barnoota Afaan Somaalee barsiisuun eegalame
Hoogantoonni Biiroon Barnoota Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksan Mana Baruumsa Sadarkaa 1ffaa Waliditti argamuun Afaan Somaaleen ( AF-Somalee) Adeemsa baruufi barsiisuu jalqabsiisaniiru.
Godina Harargee Bahaa fi Lixaatti, manneen barnootaa 11 ta’an keessatti akka Afaan dabalataatti Afaan Somaalee kan keessatti barsiifaman ta’uu Itti Aanaan Hoogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Girmaa Baayisaa Ibsaniiru. Haaluma kanaan akkuma aadaa biroo xiyyeefannoon hubachuun dandeettii barattootaa kan cimsuun dhaloota boru biyya dhaalu uumuf kan gargaarudha jedhan.
Keessattuu Kanaan dura daldaltoonni siyaasaa faayidaa mataa ofiitif jecha saboota lamaan walitti buusuuf hojjachaa kan turan ta’uu obbo Girmaan yaadachiisuun, hojiiwwana akkanaa akkuma seenaa, aadaa fi duudhaa biroo akka hubatan gochuun walitti bu’iinsa hin barbaachifne hambisuuf kan gargaaru ta’us ibsaniiru.
Itti aanaan hooganaa Biiroo Barnoota Somaalee obbo Hasan shee Yuusuf ibsa kennaniin Naannoo Oromiyaatti Barnoonni Afaan Somaalee jalqabamuun nageenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu fiduu keessatti faaydaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Manneen barnoota kun Aanaa Cinaaksan iddoo walitti bu’iinsi keessatti deddeebi’ee mul’atutti ta’uun sochii hawaasa, diinagdee fi siyaasaa keessatti caalmatti walitti dhufeenya sabootaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Naannoon Somaalee Afaan Oromoo Naannichatti akka baratamuuf qorannoo gaggeessa jiraachus obbo Hasan eraniiru. Naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaaleetti iddoowwan filatamanitti Afaan Somaaletii fi Afaan Oromoo akka barsiifaman walgayii yeroo darbeerratti kan waliigalame ta’uun kan yaadatamuudha.
Maddi: Oromia Communication Bureau
Comments
Post a Comment