Walitti bu'iinsa Sudaan bulchiinsa Daarfuur Lixaatti ummameen lubbuun namoota 129 olii olbeera
Walitti bu'iinsaa nammota lama irraa ka'een Sudaan Lixa Daarfuriitti namoonni 129 ajjeefamuu fi namoonni 198 ammoo madaa'uu ibsameera.
Walitti bu'iinsa Samabata darbe magaalaa guddoo Daarfuur El Geneina keessatti namoota lama gidduutti eegalameen hanga ammaatti namoonni 129 ajjeeffamuu himameera.Walitti bu'iinsichi buufata Baqattootaa magaalaa guddoo Daarfuur El Geneina keessatti uumame.
Namoonni lama, gosa arabaa fi biroo waliin wal-loluun inni arabaa wayita albeedhaan waraanamee ajjeefamu dubbiin ka'e haalaan babal'achuun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafateera.
Walitti bu'iinsa kana booda yeroon sochii uummataa daanga'eera, Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook garee rakkicha qoratu garas erganiiru.Walitti bu'iinsa kanaan hanga ammaatti namoonni 198 madaa'aniiru.
Wayita Oomar Hasan al-Bashir preezdaantiin turan walitti bu'iinsa uumameen namoonni kuma dhibba 3 ta'an ajjeefamanii kanneen miiliyoona lamaa fi walakkaa ta'an ammoo qe'eerraa buqqa'aniiru.
A Nepali peacekeeper with the African Union-United Nations Hybrid Operation in Darfur (UNAMID) tries to extinguish a fire in Kuma Garadayat, North Darfur, Sudan. The fire started accidentally while peacekeepers and officers from UN agencies, including the Office for the Coordination for Humanitarian Affairs (OCHA) and the Food and Agriculture Organization (FAO), were visiting the village as part of “Operation Spring Basket”, an effort to secure access to remote, conflict-affected areas in Darfur.
CGTN Africa
Comments
Post a Comment