“Kootii Badhaadhinaa uffachaa yaaliin ilaalcha finxaalessummaa agarsiisuu ni jira” - Obbo Taayyee Danda’aa
“Kootii Badhaadhinaa uffachaa yaaliin ilaalcha finxaalessummaa agarsiisuu ni jira” - Obbo Taayyee Danda’aa
Gaazexaa Bariisaa
Lolli Adwaafi injifannoon galmaa’e qabatamaan oggaa ilaalamu ga’ee leencaa kan taphate jeneraalota Oromooti. Jeneraalota adda waraanaa Adwaarratti bobba’an 11 keessaa sagal dhalattoota Oromooti.
Ilmaan Oromoo jaalala biyyaatiif lubbuusaanii qaalii mararfatanii hinbeekan, jeneraalonni hedduun kabaja Itoophiyaatiif jecha kiiloomeetira dheeraa imaluun fardeeniin Aduwaatti duuluun diina hurreessaniiru.
Hedduunsaaniis achitti wareegamaniiru. Kun of jajuuf osoo hintaane dhugaa seenaa dhaloonni darbe hojjete himuu waan ta’eef dhalatoonni Oromoo jiraachuu Itoophiyaatiif aarsaa qaalii kaffalaniiru.
Itoophiyaan kaleessaas ta’e har’aa utubamtee kan dhaabatte irree ilmaan sabaafi sablammii biyyattii 83n yoo ta’u, wayita aarsaa kaffalamaa tureen ilaalamu Oromoon ga’ee leencaa qaba. Seenaa hatuuf yaaluurra gootummaan jiraannaan addatti bahanii gchaan agarsiisuun ni danda’ama ture.
Adwaa duraa kaasee seenaan Oromoo jallachaa tureera. Kanaafis deebiin keenya, maddi qaroomina Itoophiyaafi gaanfa Afrikaa qabate hortee Kuush ta’uun akka beekamu ibsuu qofa.
Abbaan biyyaa Itoophiyaa eenyu isa jedhuuf ololtoonni waan fedhan sobanis saboonni hortee Kuush qaroomina kalaqa qoricha aadaa, aartii, qonna ammayyaa kan babal’ise yoo ta’u, ilmaan Kuush keessa ammoo hangafni Oromoodha.
Tarkaanfii kabachiisa olaantummaa seeraa juuntota ABUT irratti fudatameen walqabatee yaaliin burjaajessuu kan jiru yoo ta’u, injifannoo galmaa’eef qoonni sabaafi sablammiilee daran olaanaadha.
Juuntaa hundeedhaa diiguuf qabsoon qeerroofi qarree Oromootiin jalqabame deemsa keessa warra kaanis dadammaqsee Masaraa Mootummaa, Araat Kiiloo keessaa akka ba’an taasiseera. Kana keessattis aarsaa qaaliin qeerroofi qarreen kaffalan daran guddaadha.
Gaafa Wayyaaneen isnaayparii qabattee dargaggoota keenya ajjeesaa turte qeerroofi qarreen harkasaanii walqaxxaamursiisuun, “Gabrummaan nugahe, gabrummaa dinne” jechaa onnee guutuudhaan qabsaa’uun kufaatiishii saffisiiseera.
Maddi: DhPI
Comments
Post a Comment