Obbolummaan Amaaraa fi Oromoo Siyaasa Shiraatiin hin Diigamu Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa

Obbolummaan Amaaraa fi Oromoo Siyaasa Shiraatiin hin Diigamu Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa





Obbolummaan Amaaraa fi Oromoo Siyaasa Shiraatiin hin Diigamu!
Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa godina addaa Oromootti mudateen miidhaa ukfaataan lubbuu fi qabeenya lammiilee nagayaa irra gahuu hubannee jirra. Maddi rakkoo kanaa finxaalessummaa fi siyaasa shiraa yoo ta'uu, hidhattoonni mootummaa naannoo Amaaraa badii dhaqqabe keessatti qooda olaanaa fudhachuun ifa baheera.






Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa Yakki hamaan Paartii finxaalessaa fi hooggantoota mootummaa naannoo Amaaraa muraasaan qindeefame kun ummata obboleewwan Amaaraa fi Oromoo kan hin ilaallanne ta'uu bareechee hubata! Ummanni Oromoo finxaaleyyiin abdii kutatan Oromiyaa keessatti jeeqama kaasuuf shira siyaasaa kan xaxan ta'uu hubatee, akkuma aadaa isaa obboloota isaa sabaaf sab-lammii hammatee nagaya isaa eegatee jaalalaan injifannoo akka galmeessu, obboleewwan Amaaraa fi Oromoo naannoo Amaaraa godina addaa Oromoo keessa nagayaaf jaalalaan waliin jiraachaa turan, ajandaan waraanaa kan finxaaleyyii biyya diiguu barbaadanii ta'uu hubatanii yoomiyyuu caalaa tokkummaa isaanii cimsachuun nagayaa fi obbolummaaf akka dhaabbatan kabajaan gaafachaa ibsa itti aanu baasera!





  • Ummanni Amaaraa fi ummanni Oromoo obboleeyyan bara rakkoo fi baldhinaa ta'uu Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa ni hubata! Ummata lamaan jidduu rakkoon akka hin jirree fi fuuldurattis akka hin jiraanne ni amana! Kanaafuu, shira siyaasaa itti gaafatamummaa hin qabne, kan aangoof jecha ummata obboleeyyan wal nyaachisuuf xaxamaa jiru paartiin keenya Badhaadhinni cimsee balaaleffata!




  • Naannoo Amaaraa godina addaa Oromoo keessatti haleellaan hidhattoonni naannichaa saba Oromoo irratti raawwataniin lammiileen nagayaa danuun kan ajjeefaman yoo ta'u, qabeenyi guddaanis saamichaa fi gubataaf saaxilameera. Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa yakka hamaa hidhattoonni mootummaa Amaaraa lubbuu fi qabeenya lammiilee nagayaa irratti raawwatan kana hadheeffatee balaaleffata!




  • Shira dhiiga lammiilee nagayaa dhangalaasuun siyaasa nagaduuf xaxameen kan ajjeefamer fi kan manni irraa qubate Oromoota fayyaaleyyii nagaan jiraatanii dha. Haa ta'u malee, ABO-Shaneen godina addaa Oromoo keessa akka hin jirre otoo beekamuu, dhugaa ummata miidhamee awwaaluuf jecha ummata nagayaa ABO-Shaneetti moggaasuun fudhatama akka hin qabne Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa jabeessee addeessa!




  • Hidhattoonni mootummaa naannoo Amaaraa lammiilee meeshaa maleeyyii ajjeesuun, jaarsota araara lallaban ajjeesuun, manneen jiraattotaa gubanii dubartii fi daa'imman balaaf saaxiluu fi madoo yaalaaf deeman ajjeesuun yakka waraanaa ummata Oromoo Walloo irratti raawwataniiru. Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa yakkamtooti kunniin seeraaf akka dhiyaatan cimsee gaafachaa haalicha itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu ibsa!
    Shira siyaasaaf jecha obboleeyyan wal nyaachisanii hidda obbolummaa dhugaa kutuu fi tokkummaa biyyaa diiguun abadan hin danda'amu!

Comments