Giddu Galii Aadaa Oromoo Kitaaboolee akaakuu 52 ol ta'an Afaanota adda addaan maxxansee ummata biraan gahaa turuusaa beeksise

Giddu Galii Aadaa Oromoo Kitaaboolee akaakuu 52 ol ta'an Afaanota adda addaan maxxansee ummata biraan gahaa turuusaa beeksise





No photo description available.








Daarektarri Olaanaa Giddu Gala Aadaa Oromoo Obbo Dirribaa Tafarraa akka ibsanitti waggoota dabran keessa Gareen Qorannoo Oromoo hanga ammaatti dhimma Afaan, Seenaafi Aadaa Oromoo irratti kitaabota akaakuu 52 ol ta`an Afaan Oromoo, Afaan Ingiliziifi Afaan Amaaraatiin maxxansee bifa gurgurtaafi kennaatiin ummata biraan gaheera.






Mootummaan Naannoo Oromiyaa jalqaba irraa kaasee dhimma Qorannoo Afaaniifi Seenaa Oromootiif xiyyeeffannaa guddaa kennuun hojii boonsaafi nama jajjabeessu hojjechaa tureera; ammas hojjechaa jira jedhan Obbo Dirribaan.
Keessattuu karaa adda ta’een Qorannoon Afaaniifi Seenaa Oromoo baajata pirojektiin akka hojjetamu gochuun aantummaa afaaniifi seenaa ummatichaatiif qabu mirkaneesseeras jedhan.






Waggoota digdamii saddeettan darban hojiiwwan garee Qorannoo Oromootiin hojjetamaniin bu’aawwan jajjaboonis argamu himaniiru
Bu’aalee argaman kanneen keessaa, Ummanni Oromoo Afaan isaatiin seenaa isaa, Aartii isaa, Afoola isaa, walumaagalatti Aadaafi eenyummaa isaa akka beeku, akka baratuufi hubatu gochuun danda’ameera jedhan.
Hojiiwwan hanga ammaatti hojjetamaniin ummata Afaan, Seenaafi Aadaa isaatti boonee sammuu bilisa ta’een misoomaafi ijaarsa biyyaa irratti dammaqinaan hirmaatu uumuun danda’ameera.






Dhimma Afaan, Aadaafi Seenaa Oromoo irratti barreessitoonni kanaan dura beekaas ta’e osoo hin beekiin dogoggoraan barreessaa turan dhaabbatanii akka of ilaalan gochuun danda’amurraa dabree,Karaa dogoggoraatiin kanneen barreeffamaa turanis akka sirreeffaman ta’aniiru jedhan,Obbo Dirribaan.






Kana malees, kallattii seenaan Itiyophiyaa itti barraa’aa ture gaaffii keessa akka galu gochuun seenaan biyyattii bifa haaraan akka qoratamu taasisee jiras jedhan.
Akka OBN gabaasetti Kitaabooleen hanga ammaatti maxxanfamanii raabsaman sirna baruufi barsiisuu Oromiyaa keessatti gumaacha olaanaa bahaa jiraachuu eeruun,hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman waalta'inaa fi guddina Afaan Oromoof gumaacha olaanaa bahaniiru jedhan.






Hojiiwwan hanaga ammaa hojjetaman Afaan Oromoo afaan saayinsiifi tekinooloojii gochuu keessatti gahee olaanaa bahaniirus jedhan. Kana malees,ragaaleen walitti qabaman qorattootaaf wabiifi ka’umsa qorannoo (research) bu’uuraa ta’aniiru jedhan.

Comments