Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa dhimmoota waqtawaa, biyyaa, naannoo, nageenyaa fi tasgabbii irratti ibsa laate
Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa dhimmoota waqtawaa, biyyaa, naannoo, nageenyaa fi tasgabbii irratti ibsa laate
Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa dhimmoota waqtawaa, biyyaa, naannoo, nageenyaa fi tasgabbii irratti ibsa laateera.
Waggoota sadi dura gara daandii jijjiiramaatti wayita gallu daandiicharratti rakkinni nun qunnamu yaadni jedhu hin turre.
Rakkinoota hedduu biyyaa keenyaa walxaxaa tahe hubanneetti malee salphiifne ilaallee hin kaane. Rakinoota baroota dheeraaf biyya keenya irra ture karaa salphaa taheen balleesuun otuu danda’amee gaarii ture. Haata’uuti, rakkinoota kana tokko tokkoon otuu hin taane, tokkuumaa kaaneeyyu waggoota xiqqoo keessatti kan badu miti.
Kana hubachuun hanga xumuraatti gatii kaffaluuf kutannee kan kaane. Rakkinni biyya biyya keenya hanga fedhe baayyatuuyyu humna lammiilee isheeti ol akka hin taane amantii qabna. Kan hiiknuus gargaar baanee otuu hin taane, tokkummaan akka tahe jalqabarrattiyyuu beeksiifneerra.
Wayita adeemsi jijjiirama eegaleetti namni hundu haamilee kan ture yoo tahullee, hundu haamilee kaheen akka hin xumurree ifadha.biyyii keenya baroota dheeraaf hawwaa kan turte abdii sanirra geenyee, hundi keenya carraa qaqqabachuu nu qunnama jennee yaaduun gowwummaadha.
Otuu rakkinni nama hin qunnamiin biyya bareedduu ijaaruun danda’a otuu tahee silaa dura taasifna ture.Gammoojjii otuu hin kutiin, galaana otuu hin cehiin adeemsa nan xumura jedhee namni yaadu jalqabumarraa goyyomeera.Ammas tahu gara abdiitti wayita dhiyaannu qormaanni akka heddumatu hubachuu qabna.
Walitti bu’iinsi yeroo garagaraatti uumaamu, nageenyi dhabamuu fi soda tasabbii adeemsa jijjiirama keenya kan qoran keessatti ramadamu. Wayita adeemsa jijjiirama eegallee rakkinoonni hedduun jiru ammas rakkinoonni sunillee jiru.
Fedhii dinoota keenya keenyaa adeemsa keenya gidduutti kufnee galma keenye akka hin geenyeedha. Hundi keenyi waan hubachuu qabnu dhugaan nuuf hin galle tokko jira.Biyyi keenya mana waliinii keenyaati. Manneen walii keenyaa mana guddaa san keessaa kutaa manichaati. Mana waliinii keenyaa qulqulleesiinee tursiisuuf ejjennoo tokko hin qabnu. Manni humna bakkee dhufe qofaan hin diigamu. Keessaa yoo gargaarree. Karaa sadiin Namoonni manaa beekaniis tahee otuu hin beekiin qaama mana diigu deeggaruu malu; itti yaadanii, goyyomfamee fi rafee.
Har’a biyyi keenyi guddoo Ityoophiyaan haala kanarra jirti. Ijoolee bifa sadii kana qabdi.
Wayita amma Ityoophiyaan adeemsa filannoo haqa qabeessa, demokiraasii fi amanamumma gaggeesuuf irratti argamti. Gama biroon ammoo guttinsa bishaanii hidha haaromsaa marsaa 2ffaa raawwachuuf jirti.
Kana cinaatti dinoota alaa fi keessaa waliin wal’aansoo taasisaa jirti. Amma kaayyoo sadi cimnee galmaan gahuu qabna. Tokkooffaan filannoo bu’aa qabeessa raawwachuudha. Lammafaan guutinsa bishaanii hidha haaroomsa akkaataa karoorfameen hojiirra oolchuu.
Ityoophiyaan diinota keessaa fi alaa irra aantee sadarkaa yaadamerra akka geessuun ummanni Ityoophiyaa mootummaa cinaa akka dhaabatu waamicha ni taasifna. Dhaabbannee itti haa yadnu. Hunda dura Ityoophiyaa ha dursinu.
Qaamoleen nageenyaa federaalaa fi naannoo nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa akka eegsisaan ni hubachiifna.
Ityoophiyaan hanga ammaa kan turte gara fuuladuraattis kan turtu; aarsaa dhiigaa fi lafee ijoolee ishiitiinidha.
Gati nuti har’a kaffaluun biyyi keenyi boruu fi boruduuba badhaadhina olaanaa irra akka geessu mamii tokko hin qabu.
Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa
Finfinnee
Comments
Post a Comment