Siidaan Artist Haacaaluu Hundeessaa Magaalaa Finfinneetti Ijaaramaa Jiru Turtii Torbee Hin Caalle Gidduutti Xumuramuun Ni Eebbifama

Siidaan Artist Haacaaluu Hundeessaa Magaalaa Finfinneetti Ijaaramaa Jiru Turtii Torbee Hin Caalle Gidduutti Xumuramuun Ni Eebbifama









Siidaan Gooticha qaroo sabaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa Maagaalaa Finfinneetti hojjatamuuf jalqabame xummuramuun bakka Maatiin isaa, Jaalattoonni, dinqisiifattonni isaa aanga'oonni olaanoo biyyattii fi Magaalaa Finfiinee argamanitti yeroo torbee tokkoo hin gunnee keessatti akka eebbifamu bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksise.
Siidaan kun Muummee barnootaa Art School Yunivarsiitii Finfinneen Dizzaayiniisaa dhiyaatee Biyya Chaayinaatti Nahaasaa/Bronz/ irraa hojjatame.






Baasiin Siidaa kanaas Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Abbootii qabeenyaa hedduu kan hirmaachisee ta'uunis himameera.
Siidaan Haacaaluu kunis komiishinii Diinagdee Afriikaa ECA fi Masaraa Mootummaa Guddicha Itiyoophiyaa jiduutti argama.






Haacaaluun Waxabajjii 22 bara 2013 Wareegamee har'a waggaa 1ffaa isaa guuteera.
Guyyaa yaadannoo isaa kanattis Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bakka sidaa isaa kanatti ibsa kennuuf jira.Balaay Tasammaatu gabaase.





May be an image of 1 person




Maddi: OBN

Comments